Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii CAF Dooktar Paatiriis Mootisiippii waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 14, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Konfedereeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaa(CAF) Dooktar Paatiriis Mootisiippii waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirezidaantii CAF Dooktar Paatiriis Mootisiippii waliin Kubbaa Miillaa Afrikaafi gahee Itiyoophiyaan guddina isaa keessatti qabdurratti marii bu’aa qabeessa taasisneerra jedhan.
Guddina dargaggootaaf ijaarsa bu’uuraalee misoomaa ispoortii fi Kubbaa Miillaa Afrikaa waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti guddisuuf tumsa CAF waliin qabnurratti mari’anneerra jedhaniiru ergaa isaaniin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.