Dooktar Abiy Ahimad Piroojektii misooma jallisii laga Walmal eebbisiisan
Finfinnee, Onkololeessa 8, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Piroojektii misooma jallisii laga Walmal eebbisiisanIiiru.
Godina Baalee aanaa Dalloo Mannaatti Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjiin Piroojektii Misooma Jallisii laga Walmalirratti ijaarame eebbifneerra jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Oomishtummaa qonnaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuu qooda olaanaa qabaachuu kaasan.
Piroojektichi waayita guutummaatti hojii eegale qonnaan bultoota kuma 20 oo tajaajiluun lafa hektaara kuma 9 fi 687 ol misoomsuu danda’a jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.