Dooktar Abiy boru Paarlaamaaf ibsa kennu
Finfinnee, Waxabajjii 25, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad boru raawwii karoora bara 2017 ilaachisee Miseensota Mana Maree Bakka bu’oota ummataaf ibsa kennu.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa boru walga’ii idilee 42ffaa kan gaggeessu yoo ta’u, Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad raawwii karoora bara 2017 ilaalchisee gaaffii fi yaada Miseensota Mana Maree Bakka bu’oota ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennu.
Manni marichaa wixinee labsii baajata mootummaa Federaalaa bara hojii 2018 dhiyaaturratti mari’achuun ni raggaasisaan eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.