Dooktar Abiy Daayirektara Olaanaa FAO waliin mari’atan
Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Daayirektara Olaanaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Kuu Doongiyuu waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin,“Yaa’iin 2ffaa Sirna nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Magaalaa Finfinneetti wayita gaggeeffamuutti Daayrektarri Olaanaa FAO Kuun Doongiyuun baga nagaan gara Itiyoophiyaa dhuftan” jedhaniiru.
Misooma qonnaa itti fufiinsa qabuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf taattaffii taasifamuu keessatti FAO’n michuu Itiyoophiyaa ta’uu itti fufeera jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.