Dooktar Abiy Godina Hadiyyaatti ijaarsa misooma Koriidarii mandara moodeela baadiyyaa eegalchiisan
Finfinnee, Caamsaa 26, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godina Hadiyyaatti ijaarsa misooma Koriidarii mandara moodeela baadiyyaa eegalchiisaniiru.
Ministirri Muummeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirra odeeffannoo kaa’aniin, hojiiwwan misoomaa tola ooltummaa gannaa magaalaatti eegalaman baadiyaa waliin walitti hidhuuf hojii hojjetamu keessaa tokko kan ta’e hojii misooma koriidarii baadiyyaa eegalchiisaa jirra jedhan.
Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godina Hadiyyaa Aanaa Leemmoo Ganda Dubaanchootti sagantaan eegalchiisa misooma Koriidarii Mandara Qonnaan bulaa Moodelaa geggeeffamuus ibsaniiru.
Dooktar Abiy ergaa isaaniin, manndaroonni moodelli kunniin ijaaramuun qonnaan bulaan hojii qonnaa hojjechaa jireenya fooyya’aa akka jiraatuuf kan dandeessisanii dha jedhan.