Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Godina Kambaataa Aanaa Naannawaa Adiloo Ganda Hamiidootti Misooma Koriidarii Baadiyyaa eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 25, 2017 (FMC )- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Naannoo Giddugalessa Itiyoophiyaa Godina Kambaataa Aanaa Naannawaa Adiloo Ganda Hamiidootti Misooma Koriidarii Baadiyyaa eegalchiisaniiru.

Dabalatanis gandichatti mandara qonnaan bulaa moodeelaa tokko  kan daawwatan yoo ta’uu, mandarichi qulqullluu,fayya qabeessaa fi ilaaluuf kan namatti toluu bakka jireenyaa mijataa uumuuf hojiin fakkeenyummaa qabu hojjetameera jedhan.

Bakka jireenyaa qulqulluu uumuun cinaatti maaddii guutuu fi  misooma kuduraarratti hirmaannaaa ho’aa taasisa jiru.

Hojiin kun naannawaa hundatti tumsaan babbal’achuu qabas jedhan Dooktar Abiy.

Akkasumas hojiileen hirmaannaa hawaasaan gaara Hambirchoo giddugala Ikkoo Tuurizimii taasisuuf hojjetamaa jiran kan dinqisiifataman ta’uu kaasaniiru.

Sadarkaaleen gaaricha ittiin ol ba’an 777 naannawicha gahumsa hawwata tuuriizimii taasisuus hubachiisaniiru.

Tuuristoonni gaara bahuufi gosoota simbirroo garaagaraa daaawwachuu jaallatan gara bakkichaatti imaluun yeroo gaarii dabarsuu akka danda’an dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.