Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy hojii raawwachiisaa olaanaa ‘Webuild Group’ Peeyitiroo Saalinii waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 18, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojii raawwachiisaa olaanaa ‘Webuild Group’ Peeyitiroo Saalinii waliin magaalaa Roomitti mari’ataniiru.

Raawwii Piroojektoota guguddoo biyyaalessaarratti mari’achuun ibsaniiru.

Baatii muraasa keessatti kan xumuramuu Itiyoophiyaa fi Afrikaaf maqaa guddaa kan ta’e Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa fi ijaarsa Hidha Kooyishaa milkeessuu keessatti tumsi ‘Webuild Group’ murteessaa ta’uu Dookra Abiy ibsaniiru.

Piroojektoonni ijaaramaa jiran saffisaa fi bu’aa qabeessummaa giddugaleeffachuun kalaqaa fi hojiilee waaraa bu’uureeffachuun hojjetamuu akka qaban mari’anneera jedhan.

Guddina diinagdee dursaa fi misooma yeroo dheeraan deeggaramuun Piroojektoota biyya ceesisuu danda’an hojjechuuf murannoo waloo jirurratti mari’achuu Dooktar Abiy ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.