Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu Eegalchiisan

Finfinnee, Amajjii 2, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu eegalchiisaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, guddinaafi saffisa geejjiba qilleensaa Itiyoophiyaa guddataa dhufeen walitti hidhamiinsi idil addunyaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa itti fufiinsa akka qabaatuuf imaltoota miiliyoona 25 ol waggaatti keessuummeessuurra kan qaqqabe Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti dabalata Buufaanni Xiyyaaraa guddaan bira misoomaa jira jedhan.

Tarsimoon Buufatalee Xiyyaaraa garaagaraa ijaaruu kun fuulduratti kaayyoo Itiyoophiyaa giddugala geejjiba qilleensaa Afrikaa adda duree taasisuuf qabame ta’uu ibsaniiru.

Buufanni Xiyyaaraa Idil Addunyaa kun seenaa Afrikaa keessatti bu’uuraalee misoomaa Geejjiba Qilleensaa guddicha ta’a jedhan.,

Kunis riifoormii diinagdee gooroo Itiyoophiyaa, ajandaa Indaastirii babal’isuu fi tarsimoo waggoota dheeraa Aveeyshinii waliin kan wal simuu ta’uu eeraniiru.

Pirojeektichi dorgomtummaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa kan cimsu ta’uu dubbataniiru.

Akkaataa hammattoo “AfCFTA”’n dandeettii wal qunnamuu Afrikaas ni dabala jedhan.

Koriidariin Tuurizimii fi daldalaa kan bal’atu ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaa giddugla walitti hidhamiinsaa taaisaas jedhan.

Finfinneerraa gara kibba bahaatti gara kiiloo meetira 40 fi olka’iinsa meetira kuma 1 fi 910 irratti kan argamtu Bishooftuun hojii xiyyaaraaf haala mijataa kan qabdu yoo ta’u, imaltoota bakka gahuumsa isaanii Itiyoophiyaa taasisaniifi kanneen tiraanzit godhaniifis mijattuu ta’uu ibsaniiru.

Dhiheenya Magaalaa Finfinnee waliin qabduun geejjiba qilleensaa Boolee wajjiin haala salphaatti walitti hidhamuun haala mijataa uuma jedhan.

Buufanni Xiyyaaraa Bishooftuu boqonnaa jalqabaan waggaattti imaltoota miiliyoona 60 keessummeessuu kan danda’u yoo ta’u, wayita xumuramu imaltoota miiliyoona100 fi miiliyoona 10 kan keessummeessuufi Afrikaa giddugala geejjiba qilleensaan addunyaa irratti adda duree taasisa jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.