Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ministira Dhimma Alaa UK waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 24, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa fi Dhimmoota Misoomaa Yuunaayitiid Kiingidam Yiveet Kuupar waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Ministira Dhimma Alaa ,Badhaadhina waloo fi Misoomaa Yuunaayitiid Kiingidam Yiveet Kuupar waliin dhimmoota gamlamee fi naannawaarratti mari’aneerra jedhan.
Marii gaggeeffameen cinaatti hammattoo gorsitoota Invastimeentii jalatti Invastimeentii fi Bulchiinsa qabeenyaan tumsa teeknikaaf sanadni waliigaltee fi waliigalteen misooma waloo mallattaa’uus Dooktar Abiy ibsaniiru.
Kunis piroojektii daddabarsa anniisaa Huursoo- Ayishaa Kiiloo vooltii 400 fi Dagaahabar- Qabridaar kiiloo vooltii 132 ta’uu eeraniiru.
Waliigalteen kunneen tumsa cimsuu fi bu’uuraalee misoomaa tarsimawaa babal’isuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.