Dooktar Abiy Paarkii Indaastirii Hawaasaa daawwatan
Finfinnee, Hagayya 9, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Paarkii Indaastirii Hawaasaa daawwataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin, Daawwannaa Warshaa oomisha Madda Anniisaa Aduu Veetinaamitti taasisfnee fi Pireezidaantii dhaabbatichaa waliin marii gaggeessineen Anniisaa Aduu biyya keenyatti oomishuuf waliigallee ture jedhan.
Paarkiin Indaastirii Hawaasaa Ifa Aduurraa Anniisaa maddisisuu eegaluutti gammadeera jedhan.
Qulqullinaa fi dandeettii oomishaa olaanaa kan qabuu fi maashinoota ammayyaan kan hojjetu yoo ta’u, bu’aan oomishaa daldalaa alergii Maanufaakcheeringiif gahee olaanaa ni bahataan kan eegamu ta’uu ibsaniiru.
Warshaaleen oomishaa lama adeemsa ijaarsarra jiraachuu ibsuun, adeemsa hojii warshaa gara oomishaatti galee daawwataniiru.
Hojiin kun soni kan itti dabaalamee, galmoota ka’aamanii fi imaammata kan milkeesan ta’uu eeruun, piroojektoota tarsiimoo Invastimantiin xiyyeeffannoo kennameef waliin kan wal simu ta’uu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.