Dooktar Abiy Pireezidaantii Islooveeniyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Caamsaa 28, 2017 (FMC )- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Rippaablika Islooveeniyaa Naataash Piirik waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, har’a ganama Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisaa kan jiran Pireezidaantii Rippaablika Islooveeniyaa Naataash Piirik Mursaan simachuun dhimmoota garaagaraa irratti mari’aneerraa jedhan.