Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Oomaan waliin mari’atan
Finfinnee, Mudde 27, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Oomaan Sheek Kaliifaa Biin Alii Al Haartiin waliin mari’ataniiru.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos wayita kana hariiroo barota dheeraafi faayidaa waloo Itiyoophiyaafi Oomaan kabachiisuuf akkasumas hariiroo gamlamee cimsuuf Itiyoophiyaan kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Oomaan carraalee fooyyessii diinagdee Itiyoophiyaan uumamanitti akka fayyadamaniifis jajjabeessaniiru.
Tumsa dameewwan qonnaa, manuuufaakchariingii, tuurizimii fi hariiroo uummattootaan qaban cimsuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Sheek Kaliifaa Biin Alii Al Haartiin gama isaaniin, Oomaan hariiroo daldalaafi invastimantii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii guddaa qabaachuu kaasaniiru.
Qaamoleen lameen mariisaaniin dhimmoota waloo naannawaafi haala nageenyaafi tasgabbii irratti mari’achuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.