Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministiroota Dhimma Alaa Leeseettoofi Moorookoo waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 4, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Dhimma Alaa Leeseettoo Leejoon Miptijoo’aaneefi kan Moorookoo Naasir Buuriitaa waliin mari’ataniiru.

Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos marii Ministira Dhimma Alaa Leeseettoo waliin taasisaniin hariiroo biyyoota lameenii cimsuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

Dameewwan Itiyoophiyaan milkaa’ina itti galmeessiterraa Leeseettoon muuxannoo qooddachuu akka barbaaddus eeraniiru.

Leejoon Miptijoo’aaneen gama isaaniin, biyyi isaanii dameewwan qonnaa, fayyaafi tuurizimiin Itiyoophiyaarraa muuxannoo qooddachuu akka barbaaddu dubbataniiru.

Hojiileen misooma kooriidarii magaalaa Finfinneetti hojjetaman kan dinqisiifataman ta’uus kaasaniiru.

Hoggantoonni lameen dhimmoota gam-lameefi naannawaa irratti mari’achuus eerameera.

Bifuma walfakkaatuun Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Dhimma Alaa Moorookoo Naasir Buuriitaa waliin haala hariiroo gam-lameefi damee hedduu biyyoota lameen cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Yeroo itti aanutti walga’ii komishinii waloo ministirootaa gaggeessuun hariiroo isaanii cimsuuf waliigaluun eerameera.

Mariin hoggantoota kanneenii walga’ii idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiistuu Gamtaa Afrikaa cinaatti kan gaggeeffame ta’uunis ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.