Dooktar Moggaa Firrisaan boqotan
Finfinnee, Adoolessa 7, 2017 (FMC) – Dooktar Moggaa Firrisaan addunyaa kanarraa du’aan boqotan.
Qabsaa’aan gameessi seenaa qabsoo Oromoo keessatti gumaacha guddaa qabanii fi hundeessaa fi hogganaa Waldaa Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa kan turan Dooktar Moggaa Firrisaan umrii waggaa 97tti addunyaa kanarraa boqotan.
Dooktar Moggaan bara 1920 Abbaa isaanii Fiitewarrii Abbaa Saambii Abbaa Waarii (Firrisaa) fi Haadha isaanii Diggittii Maariyaamaa Abbaa Duularraa Godina Jimmaa Aanaa Gommaatti dhalatan.
Abbaan Dooktar Moggaa bara weerara Xaaliyaanii qabsoorratti waan wareegamaniif Mootiin Hayilessillaasee gara Finfinnee fiduun barnootasaanii jalqabaa mana barnootaa Madaanalemitti baratan.
Barnootasaanii olaanaas Koolleejjii Fayyaa Yuunivarsiitii Goodaritti baratanii qondaala Fayyaan eebbifaman.
Itti fufuunis Yuunivarsiitii Finfinneerraa barnoota Fayyaan hanga Dooktoreetiitti barachuu isaanii odeeffannoon maatii isaanirraa arganne ni mul’isa.
Boodas Ispeeshaaliistii baqaqsanii Yaalii waliigalaa ta’un barnoota saanii sadarkaasaa ol guddisuun Hospitaaloota Xiqur Anbassaa,Zawdiituu,Phaawuloosiifi kannen birootti tajaajilaa turaniiru.
Dooktar Moggaan Ogummaa Fayyaan hawaasasaanii tajaajiluun cinaattis Cunqursaa Uummata Oromoofi sabaafi sab-lammoota biyyattiirra ture jalaa baasuufi dhuunfaasaaniifi jaalleewwan isaanii waliin qabsoo cimaa gochaa turan.
Jireenya isaanii guutuu sabboonummaa Oromoo itichuu, qabsoo Oromoo kutannoo fi adda durrummaan deeggaruun beekkamu.
Dooktar Moggaan bara 1957 haadha manaasaanii Siistar Achaamellash Kumsaa waliin gaa’ila ijaarrachuun hanga lubbuunsaanii darbu kanatti waliin jiraataniiru.
Dooktar Moggaan abbaa ijoollee 6 fi Ilmaan Ilmaa 7 horataniiru.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.