Fana: At a Speed of Life!

Doonaaldi Tiraamp fi Vooloodmiir Zeleniiskiin Waayit Haawusitti wal argan

Finfinnee, Hagayya 12, 2017(FMC) –Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zeleniiskiin yeroo lammataaf Waayit Haawusitti wal arguun mari’ataniiru.

Marii isaaniin haala waraana Raashiyaa fi Yuukreen dhaabsisuun danda’amurratti, tattaaffiiwwan nageenyaa, deeggarsa Ameerikaa fi dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.

Pireezidaanti Doonaald Tiraamp marichaan, waraanichaan dhumaatii namootaa hambisuuf yaada waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka deeggaran ibsaniiru.

Waliigalteen kunis haala qaama tokko qofa fayyadeen godhamuu akka hin qabne ibsan.

Nuti nageenya fiduuf hojjenna kan jedhan Doonaald Tiraamp, waliigaltee dhukaasa dhaabuu yeroo gabaabaa osoo hin taane waliigaltee nageenyaa waaraarra gahamuu akka qabu hubachiisan.

Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zeleniiskiin gamasaaniin, Yuukreen waraanicha dhaabuuf daandii dippiloomaasii barbaaduuf qophii ta’uu dubbachuu CNN gabaaseera.

Walga’ii gam-sadeen Doonaald Tiraamp fi Pireezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin hammate gaggeeffamuu akka qabu yaadachiisuun, waraanicha karaa dippiloomaasiin dhaabuuf tattaaffii Ameerikaan taasisaa jirtu akka deeggaran ibsaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.