Fana: At a Speed of Life!

Doqdoqqee dhiquurraa gara Konkolaataa fichiisisuutti………..

Finfinnee, onkolooleessa 16, 2018 (FMC) – Dargaggoo Saadam Abdaa jedhama Godina Baalee Bahaa Magaalaa Gindhiiritti dhalate.

Dargaggoon kun hojii tajaajila dhiqaa doqdoqqeetiin kaffaltii birrii 10 irra gara fichisiisaa konkolaataatti ce’e.

Hojii tajaajila dhiqaa doqdoqqee irraa ka’uun kaffalaa gibiraa amanamaa ta’ee birrii miiliyoona 900 biyyasaaf gumaachuun Ministira MuummeeFDRI Dooktar Abiy Ahimad irraa yeroo 3ffaaf beekamtiis argateera.

Saadam Abdaa dhiqaa doqdoqqeen waggoota 12 dura eegalee gara fichisiisaa konkolaatotaa fi doqdoqqeetti ce’ee jira.

Dargaggoo Saadam yeroo sanatti waldaan gurmaa’uun Birrii kuma 500’n hojii eegalee gara miiliyoonaraatti guddateedha.

Dargaggeessi kun turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasiseen, Sadarkaa barnoota isaatiin qabxiin kutaa 10 akka carraa gara qophaa’inaatti isa dabarsuu baatus abdii osoo hin kutatin qabxii argateen Koolleejjii Pooliiteeknikaa Roobeetti damee barnootaa Awutomotiviin barachuun qabxii olaanaan eebbifamuu dubbata.

Kaayyoon isaa guddaa waan tureef bakka karoorfate gahuuf eebbasaa booda hojii tajaajila dhiqaa doqdoqqee Magaalaa Gindhiir keessatti eegale.

Adeemsa keessa hojii isaa gara suphaa doqdoqqeetti guddisuu kan danda’e yoo ta’u, waggoota booda meeshaalee jijjiirraa doqdoqqee fi doqdoqqeewwan moofaa bitee gurguruutti ce’e.

Hojiisaatiin dargaggeessa cimaa fi hawaasa biratti amanamaaf jaalatamaa kan ta’e dargaggoo saadam kaayyoo qabate galmaan gahachuuf halkanii fi guyyaa hojjachuun hojii suphaa doqdoqqee isaa gara gara dhaabbata gurgurtaa meeshaalee jijjiirraa doqdoqqeetti ol guddise.

Hojiin abdiidhaan hojjate kunis waan milkaa’eef doqdoqqee moofaa bitee gurguruu irraa gara doqdoqqeewwan haaraa ammayyaa’aa fichisiisee gurguruu eegale.

Hojiin isaa kun fudhatama olaanaa argachuun meeshaalee jijjiirraa fi doqdoqqeewwan ammayyaa’aa ta’an biyya alaatii fichisiisuun gurguruutti guddate.

Hojii waggoottan 5 dura eegale kanaan fichisiisa meeshaalee jijjiirraatiin dabalata konkolaatota abbaa miila 3 biyya alaatii fiduun daldala isaa babal’ise.

Hojii Magaalaa Gindhiiritti eegale kana yeroo ammaa magaalota 7 tti dameewwan babal’isuun hojjechaa akka jiru hima.

Hojii isaa kanaan ofii isaarra darbee lammiilee 230 oliif carraa hojii uumeera.

Dargaggoonni hojii osoo hin tuffatin carraa argatanitti fayyadamuun hojii eegalan irratti cichanii yoo hojjetan daandiin jijjiiramaa fagoo miti jedha dargaggoo Saadam.

Birhaanuu Bagaashaawuutiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.