Dorgommii Giraandi ‘Slam’ Tiraak har’a dorgomamuun Atileet Dirribee Waltajjii fi Fireewayinii Hayiluun ni eegamu
Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Dorgommii Giraandi ‘Slam’ Tiraak irratti meetira kuma 1 fi 500 dorgomamuun Atileet Dirribee Waltajjii fi Fireewayinii Hayiluun ni eegamu.
Dorgommiin kun Ameerikaa kutaa bulchiinsa Filooriidaa magaalaa Mayaamiitti dorgomamaa jira.
Dorgommii jalqabaa Jamaayikaa, Kiingistanitanitt dorgomame injifachuudhaan Doolaara kuma 100 kan badhaafamte Atileet Dirribee Waltajjiin, har’as tilmaama injifannoo argatteetti.
Shaampiyoonaa addunyaa mana keessaa dhiheenya kana Chaayinaa Naanjiingitti dorgomameen meetira kuma 3n meedaaliyaa Warqii kan injifatte atileet Fireewayinii Hayiluun ammoo yeroo jalqabaaf dorgommii Giraandi ‘Slam’ Tiraak irratti har’aa ni hirmaatti.
Atileetiin Keeniyaa Meerii Mooraa, kan Ameerikaa Niikii Hiilzii fi kan Awustiraaliyaa Jeesii Haal dorgommii kana irratti morkattoota ciccimoo Dirribee fi Fireewayinii ta’uun eegama.
Fiigicha meetira kuma 5niin eda gaggeeffameen Atileet Madinaa Isaa fi Hiruut Mashashaan sadarkaa 2ffaa fi 3ffaan xumuruu isaanii ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia