Dorgommii Maaraatoonii Baarsaloonaan atileet Footeen Tasfaay injifatte
Finfinnee, Bitootessa 6, 2018(FMC) – Atileet Footeen Tasfaay yeroo jalqabaaf kan itti hirmaatte Maaraatoonii Baarsaloonaa irratti sa’aatiimariifataa 2ffaa galmeessisuun injifatteetti.
Atileet Footeen sa’aatii 2:10:53’n galuun kan injifatte.
Rekoordii iddoo kanaas kan cabsite yok ta’u, akka addunyaatti sa’aatii ariifataa 2ffaa dha jedhameera.
Dorgommii kanaan atileet Zayinabaa Yimar 3ffaa, Caaltuu Cimdeessaa 4ffaa akkasumas Yaalgaanash Iskamach sadarkaa 5ffaa qabachuun xumuraniiru.
#Oromia #Ethiopia.