Dorgommiin biyyaalessaa Leenjii fi Madaallii Ispoortii guddattootaa xumurame
Finfinnee, Guraandhala 8, 2018 (FMC) – Dorgommiin biyyaalessaa Leenjii fi Madaallii Ispoortii guddattootaa qopheessummaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii fi keessummeessummaa Naannoo Oromiyaan geggeeffamaa ture milkaa’inaan xumurameera.
Dorgommiin yaada ijoo “Misoomni ispoortessitoota guddattootaa Olka’iinsa Itiyoophiyaaf” jedhuun Guraandhala 2, 2018 irraa eegalee geggeeffamaa ture ispoortiin maqaa biyyaa ijaaruu fi tokkummaa cimsuuf faayidaa guddaa akka qabu kan mul’ise ta’uun ibsameera.
Dorgommii biyyaalessaa Leenjii fi Madaallii Ispoortii guddattootaa waggaa 13 hanga 15 kanaan Magaalaan Finfinnee, naannooleen Beenishaangul Gumuzii fi Gaambeellaan hirmaannaa umurii sirriin sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaatti ba’uun xumuraniiru.
Ispoortii Olompikiin Naannoon Amaaraa, N$aannoon Oromiyaa fi magaalaan Finfinnee sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa qabaachuun yoo xumuran, ispoortii paaraa olompikiin ammoo Naannoon Oromiyaa, Magaalaan Finfinnee fi Naannoon Amaaraa 1ffaa hanga 3ffaa ba’uun xumuraniiru.
Akkaadaamii Ispoorii Itiyoophiyaa fi akkaadaamiiwwan ispoortii adda addaaf ispoortessitoota guddattoota filchiisuun Naannoon Kibba Itiyoophiyaa fi Magaalaan Finfinnee 26 filchisiiifachuun dursa qabataniiru.
Naannoon Gaambeellaa ammoo 24 filchisiisuun sadarkaa 3ffaa qabateera.
Ministeera Aadaa fi Ispoortiitti Ministir Deetaan Damee Misooma Ispoortii Makkiyyuu Mahaammad sagantaa cufiinsa dorgommichaa irratti ergaa dabarsaniin biyya ispoorttin dorgomtuu fi moo’attuu taate uumuuf misoomni ispoortessitoota guddattootaa murteessaa ta’uu ibsan.
Bu’aa biyyi keenya dameewwan biroon galmeessisaa jirtu ispoortiin itti fufsiisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Dorgommiin madaallii kun hariiroo naannolee gidduumjiru cimsuu fi dinagdee magaalaa qopheessitee sissi’eessuus ibsaniiru.
Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaas dorgommichi milkaa’inaan akka xumuramuuf ga’een qooda fudhattootaa guddaa akka ture ibsee, qooda ba’aachaa turaniif galateeffateera.
#Oromia #Ethiopia