Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin Kiiloomeetira 10 Maqaleetti gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC)- Dorgommiin jalqabaa daandiirraa Kiiloomeetira 10 Naannoo Tigraay Magaalaa Maqaleetti gaggeeffameera.

Dorgommichaan Naannoon Tigraayi Dhiirootan, Dubartootaan immoo Baankiin Daldala Itiyoophiyaa injifataniiru.

Dhiirootan Ataakilte Kidaanuu fi Gabrakiroos Adanaa Naannoo Tigraay irraa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa bahuun xumuraniiru.

Atileet Ayyanaa Gannatee Baankii Daldala Itiyoophiyaarraa 3ffaa bahuun xumureera.

Dubartootaan immoo Wuddee Kaffalee, Immaabeet Kabbadaa fi Kasaaneesh Ayyaneew Baankii Daldala Itiyoophiyaarraa sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahuun xumuraniiru.

Warqinaa Gashaahuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.