Dorgommiin moo’aa moo’attootaa Faanaa Laamroota marsaa 5ffaan boru eegala
Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Dorgommiin moo’aa moo’attootaa Faanaa Laamroota marsaa 5ffaan boru Waxabajjii 7, 2017 eegala.
Dorgomtoonni dorgommii boqonnaa 17, 18 fi 19ffaa injifatan, akkasumas 4ffaa ta’uun kan xumuran dabalatee namoonni 16 ni dorgomu.
Birrii miiliyoonni 3.3 badhaasichaaf kan qophaa’e yoo ta’u, Badhaasni waancaa fi Muuziqaa haaraas qophaa’eera.
Dorgomtoonni 4 xumuraaf ni falmtu.
Boru Waxabajjii 7, 2017 dorgommii moo’aa moo’attootaa marsaa 5ffaa haala hoo’aa ta’een kan jalqabu yoo ta’u, filannoowwan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii hundaan kallattiin tamsa’a.
Boru sa’aatii 5:30 eegalee nu eegaa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.