Dorgommiin Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa aanaalee godina Jimmaa 31ffaa fi Feestivaalli Aadaa 18ffaan eegalame
Finfinnee, Mudde 2,2018(FMC) – Dorgommiin Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa aanaalee godina Jimmaa 31ffaa fi Feestivaalli Aadaa 18ffaan magaalaa Jimmaatti gaggefamuu egaleera.
Dorgammicha haasan kan banan Bulchaan Godina Jimmaa obbo Tijaanii Naasir akka wayita kana akka ibsanitti, aadaan ibsituu eenyummaa waan ta’eef, dhaloonni har’aa aadaa abbootii isaarraa dhaale dhaloota itti aanu dhaalchisuun seenaa dhugaa kaa’ee darbuu qaba jedhan.
Waggotan jahan darban hojiin gama kanaan hojjatame bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu kaasanii, bu’aa kana caalmaatti finiinsuun guddisuu qabna jedhan.
Ispoortiin dirree tokkumaa ijaaruu fi jaalala cimsuun nageenya mirkaneessuuf ga’ee qabaachuus kaasan.
Itti gaafatamaan Waajjira Dargaaggoo fi Ispoortii godinichaa obbo Nagumaa Makonnin gama isaaniin, shampiyoonaan ispoortii Aadaa Aanaalee Godina jimmaa 31ffaa fi Festivaalli Aadaa 18ffaa kun muddee 02 hanga 15/2018tti gosoota ispoortii kudhaniin akka dorgomamuu fi ispoortessitoota kuma lamaa ol akka hirmaachisu ibsan.
Aadaa guddisuu fi ispoortessitoota ciccimoo godinicha bakka bu’ani sadarkaa naannootti hirmaatan filachuun kaayyoo dorgommichaa akka ta’es dubbataniiru.
Tasfaahun kabbadaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia