Du’aan boqochuu Ambaasaaddar Qoonjit Sinagiyoorgisiin gadduu isaanii Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan
Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC) – Du’aan boqochuu Ambaasaaddar Qoonjit Sinagiyoorgisiin gadduu isaanii Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen ibsaniiru.
Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, du’aan boqochuu Ambaasaaddar Qoonjit Sinagiyoorgisiin gadda guddaan natti dhagahameera jedhan.
Damee dippiloomaasiin biyya isaanii Itiyoophiyaaf akkasumas Afrikaaf qooda bahataniin yeroo mara kan yaadataman ta’uus ibsan.
Ambaasaaddar Qoonjit dippiloomaatuu jabduu akka turanis yaadachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia