Du’aan boqochuu obbo Amaan Fissahaatsiyooniin gaddi itti dhagahamuu Dooktar Abiy Ahimad ibsan
Finfinnee, Guraandhala 4, 2018 (FMC) – Du’aan boqochuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaafi Hundeessaa ‘EBS’ obbo Amaan Fissahaatsiyooniin gaddi itti dhagahamuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, du’aan boqochuu hundeessaafi Hojii Raawwachiisaa televizhiinii ‘EBS’ obbo Amaan Fissahaatsiyooniin gaddi natti dhagahameera jedhan.
Obbo Amaan warreen guddina miidiyaa dhuunfaa Itiyoophiyaa keessatti qooda olaanaa qaban keessaa tokko ta’uus ibsaniiru.
Wayita Itiyoophiyaan haalota rakkisoo keessa darbitetti gahee isaanii bahachuu eeraniiru.
Lubbuun isaanii nagaan haa boqottu jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa isaaniin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.