Dubartoonni imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa keessatti gahee isaanii bahachaa jiru- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Guraandhala 29, 2018 (FMC) – Dubartoonni imala badhaadhinaa hundagaleessaa Itiyoophiyaafi walqixummaa mirkaneessuu keessatti gahee isaanii bahachaa jiru jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa dubartootaa idil-addunyaa sababeeffachuun dorgommiin fiigicha daandiirraa kiiloomeetira 5 fi ispoortiin hawaasaa( Mass Sport) gaggeeffamuu ibsan.
Dorgommii fiigichaa sarara kooriidarii Terminaalaa Boolee- Atilaas- Uuraa’elii hanga Addabaabaayii Dubartootaatti gaggeeffame kanarratti dubartoonni magaalichaa kumni 100 fi kumni 20 ol, Atileetonni bebbeekamoon fi lammiileen biyyoota alaa hirmaachuu eeraniiru.
Yeroo ammaa dubartoonni imala badhaadhinaa hundagaleessa Itiyoophiyaafi walqixummaa mirkaneessuu keessatti dammaqinaan hirmaachuun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf qooda isaanii bahachaa jiru jedhan.
Hirmaannaan kun cimee kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.