Dubartoonni mirga isaaniif kennametti fayyadamuun siyaasa keessatti hirmaannaa isaanii guddisuu qabu- Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan
Finfinnee, Bitootessa 20, 2018 (FMC) – Dubartoonni mirga isaaniif kennametti fayyadamuun filannoo marsaa 7ffaa irratti hirmaachuun siyaasa keessatti hirmaannaa isaanii guddisuu qabu jedhan Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan.
Fooramiin hoggansa dubartoota naannoo Oromiyaa mata duree “Sagaleen dubartootaa walqixxummaafi badhadhaadhina biyyaaf” jedhuun Magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira.
Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan wayita kana sirnoota darban keessa sagaleefi eenyummaan dubartootaa dhokatee turuu yaadachiisuun qabsoo hadhawaa taasifameen cabuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa lakkoofsi hoggantoota dubartootaa sadarkaa hundatti dabalaa akka jirus eeraniiru.
Dubartoonni mirga isaaniif kenname fayyadamuun filannoo marsaa 7ffaa irratti filamuuf, filachuufi taajjabdummaan hirmaachuun siyaasa keessatti hirmaannaa isaanii akka guddisan dhaamaniiru.
Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Oromiyaa Aadde Maabraat Baacaa gama isaaniin, kaayyoon hundeeffama fooramii kanaa qindoominaafi hirmaannaa dubartootaa guddisuufi hoggansa dubartootaa cimsuuf akka ta’e ibsaniiru.
Mootummaanis hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia