Fana: At a Speed of Life!

Dubartoonni ogummaan jiraatu; ofitti amanamummaan hojjetu; ni danda’us – Kantiibaa Adaanech Abbeebbee

Finfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abbeebbee, har’a ganama fiigicha daandii irraa kiiloomeetira 5 dubartoonni 16,000 irratti hirmaatan eegalchiisaniiru.

Kantiibittiin yeroo kanatti akka jedhanitti: “Dubartoonni ogummaan jiraatu; ofitti amanamummaan hojjetu; ofitti amanamummaan fiigu; ni danda’us,” jedhaniiru.

Hunduu harka wal qabannee badhaadhina Itoophiyaa ni mirkaneessina jechuun xiyyeeffannoo kennanii dubbataniiru.

Dorgommiin kunis misooma kooriidariitiin baay’ee miidhagee, mijataa fi bifa haaraa ammayyaa magaalattiif kan kenne, daandii Boolee – Atilaas – Uraa’el irratti haala adda ta’een gaggeeffamuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.