Fana: At a Speed of Life!

Dubartootaa fi kabaja ayyaana Irreechaa…

Finfinnee, Fulbaana 23, 2018 (FMC) – Kabaja ayyaana Irreechaa keessatti iddoon dubartoottni qaban olaanaa akka ta’e himama.

Ayyaanni irreechaa dudhaalee sirna Gadaa keessaa tokkodha.

Sirni Gadaa ammoo iddoon dubartootaaf kennu guddaa akka ta’e abbootii Gadaa fi qorattoota aadaatu ifoomsa.

Qorattuun Aadaa Instiitiyuutii Qorannoo Oromoo Aadde Jorgoo Rafuu Faanaa Dijiitaaliitti akka himanitti, kabaja ayyaana irreechaa keessatti iddoon dubartoonnii fi shamarran qaban baay’ee olaanaadha.

Sababni isaas akka falaasama Gadaatti dubartiin hortuu dha; sanyii ilma namaa kan itti fufsiistu, dhala gara addunyaa kanaatti kan fiddu dubartii dha. Kanaaf ayyaana Irreechaa keessatti dubartiif dursi kennama.

Dursummaan kun manumarraa Abbaa Malkaa Muuduun eegala. Abbaan Malkaa irreeffannaaf, malkaa saaquuf utuu manaa hin ba’in haadha warraa isaan muudama.

“Ofkali” jechuun eebbisti; ni muuddi. Gara Malkaatti milkiin bobbaasti. Achiis kophaa utuu hin taane, nyaata bakka Malkaatti nyaatamu fi meeshaalee ulfoo biroo qabchuun faana deemti.
Yeroo gara Malkaa irreeffannnaatti qajeelanis, imalli isaanii duraa duuba qaba.

Qarreewwan uffata aaadaa ykn dheeraa ta’ee qaama isaanii sirriitti haguugu uffatanii, mataa isaaniis sirriitti miidhagfatanii tarree galuun jalqaba ba’u.

Itti aansuun ammoo hawwan/dubartoonni siinqee caaccuu irraa tolfame, coqorsa, okolee fi gaadii, nyaata achitti nyaatamuu fi dhibaayyuuf oolu qabatanii qarreewwanitti aananii imalu.

Abbaan Malkaa fi Abbootiin Gadaa akkasumas qeerroowwanii fi warreen kaan ammoo sana boodaan imalu.

Maaliif? Hunduu sababa qaba.

Qarreewwan, durboonni duudaa kan dura imalaniif qulqullummaan walqabata. Uumaan qulqulluu waan ta’eef, durbi duudaan qulqullummaa qabdu dursitee deemuu qabdi.

Hawwan Siinqee fi meeshaalee ulfoo biroo qabatan ammoo isaanitti kan aananiif garalaafota, araara kan jaal’atan dha jedhamee waan amanamuuf. Jaarsi Malkaa saaqu kan eebbisee irreeffannaa eegalchiisu isaan boodaan deemu.

Meeshaaleen ulfoo haawwan qabatanii deemanis hiika mataa isaanii qabu.

Siinqeen mallattoo araaraa fi nagaa ti.

Coqorsi ammoo mallattoo dandamatanii latuuti. Yeroo bonaa yeroo gogiinsaa coqorsi baala harcaafatee biyyee keessa riphuun hanga roobni dhufutti eega.

Gaafa duumessi waaqaa misu, latuu eegala hidda gadifageeffatee deebi’ee of haaromsa. Ni dagaaga, lafa dhaala. Oromoonis dandamataa dha, rakkina irra ga’u hunda dandamatee horee baay’atee lafa dhaala. Kanaaf guyyaa akan coqorsi qabatama.

Okoleen ammoo kuusaa waan gaariin itti elmamudha. Kanaaf gaarii baricha keessa jiru ittiin qabuuf harkatti qabatu.

Gaadiin sakaaltuu dha. Hamaa fi hammeenya baricha keessa jiraachuu malu nurraa gaadi’i, nurraa hidhi jedhanii kadhachuuf gaadii qabatanii deemu.

Akkaakuun nyaataa dhibaayyuuf oolan fi dhadhaan muudaas akkasuma hiika mataa isaanii qabu. Uumaa dura harka duwwaa dhaabatanii hin kadhatan jedhamee waan amanamuuf dhibaayyuun qabatamee deemama.

Qarreewwanii fi dubartoonni jila irreeffannaa deemu dursanis callisanii hin deeman. Faaruu Irreechaa faarfatu.

Irreecha kan deemamu galataa fi kadhaaf waan ta’eef, namni ammoo waan dogoggoruuf ergaa kadhannaa faaruun dabarsu.
“ Araaree, yaa araara hoo

Araarsaa Waaqatu jaal’ata, nuuf araarami hoo…” jechuun waljalaa qabaa faarfataa deemu.

Warri dhiiraas faaruu mataa isaanii qabu. Isaan ammoo, “Maree hoo” faarfatu.Kunis waggaan marsaan waan dhufuuf kan darbeef galata, kan dhufuuf ammoo si kadhanna akka jechuuti.

Qeerroowwanii fi foolleewwan abbbootii faarfatan jalaa qabaa ti Uumaa isaanii wajiin haasa’a dhaqanii irreeffatu.

Rabbiif galata galchanii, gaarummaa kadhatani, wal eebbisanii abdii haaraa fi gammachuun gara qe’ee isaaniitti deebi’u.

Irreechi dubartootaaf dursa kennuun baraa baratti akkanaan kabajama.

Gadaan Quufaa Gabbina!

Irreechi jaalala, tokkummaa, walummaa dha!

Horaa Bulaa!!

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.