Fana: At a Speed of Life!

Duudhaalee Sirna Gadaa tiksuun dhalootaaf dabarsuun nageenyaa fi misooma biyyaaf murteessaadha – Inistityuutii Qorannoo Oromoo

Finfinnee, Mudde 16, 2018 (FMC) – Duudhaalee Sirna Gadaa tiksuun dhalootaaf dabarsuun nageenyaa fi misooma biyyaaf murteessaadha jedhe Inistityuutii Qorannoo Oromoo.

Waltajjiin “Gabbisa Qorannoo Jechoota Gadaa Irreecharratti ” xiyyeeffate Yuunivarsiitii Haramaayaatti gaggeeffamaa jiraa.

Jechoota dilbii, duudhaalee fi falaasamoota sirna gadaa dagataman har’a dhaloonni akka baruuf Inistitiyuutiin Qorannoo Oromoo dhaabbilee barnoota oolaanoo woliin hojjatamaa jira jedhan Daaryektarri Itti Aanaan Inistitiyuutii Qorannoo Oromoo obbo Zinaabuu Asiraat .

Waggoota 150 oliif Jechoonnifi duudhaaleen sirna gadaa keessatti Irreechi ittiin ibsamu harca’aa dhufuun dhaloonni duuudhaalee irreechaa karaa maleen akka hubatu taasisuu qorannoowwan agarsiisan jiraachuu hayyoonni ibsaniiru.

Rakkoo kana furuuf jecchoota Irreechi ittiin ibsamu qorannoon deeggaruun, gabbisuun hojiin ‘Encyclopedia’ Irreechaa qopheessuu gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Itti Aanaan Pireezidaantii Dhimmoota Qorannoo fi Hirmaannaa Hawaasaa Yuunivarsiitii Haramaayaa Dooktar Isaaq Yuusuuf Yuunivarsiitichi Aadaa, Afaan, Duudhaalee sirna Gadaa tiksuurratti xiyyeeffatee qorannoowwan adda addaa taasisaa jiraachuu himaniiruu.

Waltajjicharrati hayyoonni Yuunivarsiitii Haramaayaa, Finfinnee, Jimmaafi Arsii Gabbisa Qorannoo Jechoota Gadaa Irreecharratti xiyyeeffatan dhiyeessaniiruu.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.