Fana: At a Speed of Life!

Duudhaaleen biyyaalessaa ijaarsa sirna diimookiraasiif bu’uura ta’an gara gabaatti dhufuu qabu- Diyaaqon Daani’eel Kibrat

Finfinnee, Hagayya 18, 2017(FMC)- Duudhaaleen biyyaalessaa ijaarsa sirna diimookiraasiif bu’uura ta’an gara gabaatti dhufuu qabu jedhan Gorsaan Damee Hawaasummaa Ministira Muummee Diyaaqon Daani’eel Kibrat.

Hoggantoonni olaanoon Mootummaafi Ogeeyyiin garaagaraa Kitaaba Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministira Waamamaa Olaanaa Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen mata duree “Diimookiraasii Itiyoophiyaa Barbaaduu” jedhuun barraa’erratti marii gaggeessaniiru.

Diyaaqon Daani’eel Kibrat wayita kana akka jedhanitti, hojiin duudhaalee jaarsummaa, araaraa, seeraafi kanneen biroo ijaarsa sirna diimookiraasiif fayyadan akka beekaman gochuu cimee itti fufuu qaba.

Qorataafi ogeessi Gaazexeessummaafi Kominikeeshinii obbo Kamaal Hashiin gamasaaniin, hoggantoonni olaanoon mootummaa beekumsaafi muuxannoo horatan uummataaf qooduun kan isaan galateeffachiisu akka ta’e ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Kitaabni Dooktar Tasfaayee Baljigeen barraa’e kunis beekumsa xabboof xiyyeeffannoo kennuun tattaaffii diimookiraasii Itiyoophiyaa fakkaatu ijaaruu kan dandeessisu ta’uu kan dubbatan ammoo hayyuufi qorataa falaasamaa kan ta’an obbo Zarihuun Tashoomaati.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.