Fana: At a Speed of Life!

“Duula Ameerikaan miseensa humna qilleensa ishee baraaruuf duulteen xiyyaarota waraanaa hedduu barbadeessineerra” — Waraana Iraan

Finfinnee, Bitootessa 27, 2018 (FMC)- Waraanni Iraan duula Ameerikaan paayileetii xiyyaara waraanaa F-15 kibba Iraanitti rukutamee kufe oolchuuf taasisteen, xiyyaarota waraanaa hedduu barbadeessuu isaa beeksiseera

Miseensota humna qilleensa Ameerikaa xiyyaaricha keessa turan keessaa inni tokko guyyuma sana kan argame yoo ta’u, paayileetiin lammaffaan immoo barbaacha guyyaa tokkoo ol fudhateen argamuun ibsameera.

Waraanni Iraan gama isaatiin, duula Ameerikaan miseensa humna qilleensa ishee oolchuuf geggeessite kanaan xiyyaarota waraanaa afur barbadeessuu beeksiseera.

Dubbi himaa Ajaja Waraanaa Iraan wabeeffachuun Rooyitersi akka gabaasetti, weerara kanaan xiyyaarota fe’umsaa waraanaa C-130 jedhaman lamaa fi heelikooptaroota waraanaa Bilaak Haawk (Black Hawk) jedhaman akka barbadaa’an ibsameera.

Duulli miseensa humna qilleensaa barbaaduu kun kutaalee bulchiinsaa Iraan sadii keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u, xiyyaarota waraanaa waraana Iraaniin barbadaa’aniiru jedhaman ilaalchisee gama Ameerikaatiin deebiin ifatti kenname hin jiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.