Duula guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuun karooraa ol milkeessineera- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan duula dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuun karooraa ol milkeessineera jedhan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Naannoo Somaaleetti mooraa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Somaaleefi Yuunivarsiitii Jigjigaatti Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Kompireensiivii Sheek Hasan Yabaree keessatti ashaaraa keenya keenyeerra jedhan.
Hawaasa galma biyyaalessaa milkeessuuf ganama barii irraa eegalee biqiltuu dhaabe hunda galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.