Fana: At a Speed of Life!

Duulli talaallii dhibee Gifiraa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2017 (FMC) – Sadarkaa Biyyaalessaatti duulli talaallii dhibee Gifiraa eegalmeera.

Naannoo Oromiyaatti duulli kun har’a bakka Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinaa fi keessummoonni Waamichi godhameef argamanitti Magaalaa Bishooftuutti eegalameera.

Duula kanaan daa’immaan naannoo Oromiyaa keessatti argaman miiliyoona 7’f talaalliin kan kennamu ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Naannoo Afaarittis aanaalee 42 fi magaaloota 8 keessatti daa’immaan kuma 300 fi kuma 32 talaaluuf duulli eegalamuu ibsameera.

Akka biyyaatti har’aa eegalee guyyoottan kurnan itti aanaan keessa daa’imman miiliyoona 17.5 talaaluuf karoorfamuu eerameera.

Duula Gifiraa kana cinaatti tajaajilli yaala fayyaa biroon ni kennama jedhame.

Kaliifaa Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.