Duulli talaallii qindaa’aa dhibee Gifiraa godinaalee Oromiyaa hundatti eegale- Biiroo Fayyaa Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 6, 2017(FMC) – Duulli talaallii qindaa’aa dhibee Gifiraa godinaalee Oromiyaa hundatti kennamuu eegaluu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Duulli talaallii qindaa’aa dhibee Gifiraa akka biyyaatti guyyaa har’aa kennamuu eegaluun isaa ni beekama.
Sadarkaa naannoo Oromiyaattis talaalliin kun godinaalee naannichaa hunda keessatti kennamuu eegaluu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daayrektarri Daayrektoreetii Fayyaa Haadholii, Daa’immaniifi Dargaggootaa obbo Abbabaa Baqqaalaan ibsaniiru.
Naannichatti daa’imman umrii waggaa 1-5 miiliyoona 7 fi kuma 300’f talaalliin kun akka kennamu Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Talaallii farra dhibee Gifiraa dabalataan daa’imman umrii waggaa 5 gadii hanqina sirna nyaataa qaban kan adda baafaman, Vaayitaamin A fi farri raammoo garaa keessaa kan kennamuuf ta’uu eeraniiru.
Kanaan dura talaalliiwwan kunneen qofaa qofaatti kennamaa turuu yaadachiisanii, kun immoo hojii idileerratti dhiibbaa uumuufi qisaasama geessisaa akka tures ibsaniiru.
Duula talaallii Kanaan daa’imman waggaa tokkoo oliifi waggaa shanii gadii talaallii hin argatiin yookaan ammoo talaallii addaan kutanii turan kan talaalchifaman ta’uus ibsaniiru.
Duulli kun guyyaa har’aa irraa eegalee dhaabbilee fayyaa hunda keessatti guyyoota 10’f kennama jedhaniiru.
Kana malees dubartoota sababa da’umsaan qaama walhormaataa isaanii miidhaman adda baasuun duula talaallii Kanaan akkasumas duula talaallii kana booda gara dhaabbilee fayyaa tajaajila kana kennaniitti ergamuun akka yaalaman dubbataniiru.
Hawaasni dhaabbilee fayyaa yookaan ammoo wiirtuu yeroo isaanitti dhiyoo jirutti daa’imman isaanii akka talaalchisan dhaamaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.