Eebbifamoo Abunee Saawiroosiifi Abunee Diyoosqoroosiin ayyaana waggaa Qullubbii Gabre’eelii kabajuuf Dirra Dhawaa galan
Finfinnee, Mudde 17, 2018 (FMC) – Abbootiin Amantaa Ortodoksii Waloomaa Hojigaggeessaa Olaanaan Lubummaa Waliigalaa Eebbifamoo Abunee Saawiroosiifi Barreessaa Olaanaan Sinoodosii Abunee Diyoosqoroosiin durfaman ayyaana waggaa Qullubbii Gabre’eelii kabajuuf Dirra Dhawaa galaniiru.
Abbootiin amantaa kunneen Ayyaana Gabre’eelii Mudde 19, 2018 Magaalaa Qullubbiitti kabajamu sababeeffachuun jala bultii ayyaanichaaf wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Dirre Dhawaatti gahan Kantibaa Bulchinsa Dirre Dhawaa obbo Kadiir Juhaar, Dursaa Phaaphaasii Mana Lallabaa Amantaa Ortodoksii Dirree Dhawaa abbaa Barteloomiyoosiifi Phaaphaasoonnifi miseensonni Siinoodosii mana Amantaa Ortodoksii waloomaa Dirre Dhawaan simannaan taasisafameera.
Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii Dilbata dhufu bakka hordoftoonni amantichaa kutaalee biyyattii garaagaraa argamanitti akkaataa duudhaa amantichaa eegeen kabajamaan eegama.
Kadir Shamshaddintu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.