Eebbifamuu Hidha Haaromsaa ilaalchisee naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti hiriirri deeggersaa fi gammachuu ibsannaa geggeeffamaa jira
Finfinnee Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Eebbifamuu Hidha Haaromsaa ilaalchisee naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti hiriirri deeggersaa fi gammachuu ibsannaa geggeeffamaa jira.
Hiriirri kun mata duree “Gamtaan dandeenyeerra” jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, qaamoleen hawasaa adda addaa tattaaffii mootummaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf godhuuf deeggersa qaban ibsaa jiru.
Dhaadannoowwan Hidhi Haaromsaa ashaaraa badhaadhinaa ti, Hidhi keenya agarsiistuu olka’iinsa Itiyoophiyaati, Injifannoo dabalamu, gammachuu qabatamaa jedhanii fi ergaawwan adda addaa dabarsaa jiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.