Eenyummeessaan Diijitaalaa bu’uura misoomaa daran murteessadha – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Caamsaa 12, 2017 (FMC ) – Ammaan booda Eenyummeessaan Diijitaalaa filannoo osoo hin taane tajaajilaan, hawaasummaan, dhaabbilee fi mootummaa namoota waliin qunnamsiisuuf bu’uura misoomaa daran murteessaa ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Eenyummeessaan diijitaalaa gara utubaa bu’uura ce’umsa Diijitaalaatti fooyya’uu himaniiru.
Waggoottan shaniin dura mul’ata Diijitaala Itiyoophiyaa 2025’n murtoo daran barbaachisaa ta’e murteessineerra jedhan Dooktar Abiy ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Kunis sirna eenyummeessaa ammayyaa, hammataa fi bu’ura qabu ijaarudha jedhan.
Kanas tokkoon tokkoo jiraattootaaf akka qaqqabu taasiisuun murteessaa ta’uu kaasan.
Faayidaan Kaardii qofaa miti, iccitii odeeffannoo dhuunfaa eeguu fi kan barbaachisu qofa qooduun eenyummaa mirkaneessuuf mallattoo addaati jedhan.
Oromia #Ethiopia