Eenyummeessaan Dijiitaalaa Faayidaa dinagdee ijaaruuf humna guddaa qaba- Yodaahee Ari’aayasillaasee
Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC)- Eenyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa dinagdee guddisuuf humna guddaa qaba jedhan Daayreektarri olaanaan Eenyummeessaa Biyyaalessaa Yoodaahee Ar’aayaSillaasee.
Sosochiin “Faayidaan Dubartootaaf ” jedhu sagantaan jalqabaa Finfinneetti geggeeffamaa jira.
Obbo Yodaaheen sagantaa kana irratti akka dubbatanitti, sirni eenyummeessaa mirga qaqqabummaa fi beekamuu waan mirkaneessuuf, dubartoonnis carraa kanatti akka fayadamaniif haala kan miijessuudha.
Eenyummeessaan Faayidaa karaa dijiitaalawaa ta’een tajaajila argachuuf, bittaa fi gurgurtaa raawwachuu fi gochaale adda addaa raawwachuuf haala akka miijessuu hubachisaniiru.
Ministir Deetaan Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Hikmaa Keeyraddiin gama isaaniin, sirni eenyummeessaa Dijiitaalaa mirga dinagdee dubartootaa mirkaneessuuf ga’ee guddaa taphata.
Waliin dha’uu eenyummaa hambisuun dubartootaaf carraa seera duratti beekamuu fi humna Ofiin raawwachuu akka kennus himaniiru.
Fayyadamtoota eenyummeessa dijiitaalaa keessaa %40’n dubartoota akka ta’anis eerani, hanga Waxabajjii 30, 2018tti baay’ina dubartootaa eenyummessaa dijitaalaa fayyadamanii miliyoona 30’n gahuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru..
Wandimmuu Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia