Fana: At a Speed of Life!

Eeruu Appilikeeshinii Hirmaannaa Hawaasaan kennameen Beenzilli liitirri kumni 46 ol to’atame

Finfinnee, Bitootessa 18, 2018 (FMC) – Eeruu karaa Appilikeeshinii Hirmaannaa Hawaasaan kennameen Beenzilli seeraan ala daddabarfamaa ture liitirri kumni 46 ol to’atameera jedhe Poolisiin Federaalaa.

Boba’aan kun oppireeshinii humni waloo Nageenyaafi Tasgabbii Federaalaa gaggeesseen namoota daddabarsaa turan waliin to’atamuu ibseera.

Haaluma Kanaan konkolaataan buufata boba’aa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar aanaa Tulluu Diimtuutti argamurraa Beenzila liitirii kuma 46 waraabuun gara Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftootti imalaa ture harkaaf harkatti qabamuu eereera.

Kana malees shakkamaan seeraan ala ‎kuusaa boba’aa konkolaataa isaatti suphuun fi nama hanqaaquu raabsu of fakkeessuun boba’aa raabsaa ture waahellan isaa afur waliin to’atamuun ibsameera.

Mooraa manneen jireenyaa shakkamtoota kanneenii keessattis baarmeelonni tokkoon tokkoo isaanii boba’aa liitira 200 qaban 12 argamuu eerame.

Hawaasni namootaafi dhaabbilee boba’aa sharafa alaa olaanaan bitamee gara biyyaa seenu dhoksuun fi hanqina uumuun diinagdee biyyaarratti miidhaa geessisuuf socho’an akka saaxilu waamicha dhiyeeseera.

Lammiileen boba’aa seeraan ala daddabarfamu wayita argan karaa appilikeeshinii Hirmaannaa Lammiilee, Buufata Poolisii Nam-maleessa Ismaartii fi lakkoofsa bilbilaa bilisaa 991’n eeruu akka kennan gaafateera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.