Fana: At a Speed of Life!

Ejjennoo Itiyoophiyaan laggeen daangaa ce’an irratti qabdu fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuudha- Ministeericha

Finfinnee, Onkoloolessa 21, 2018 (FMC) – Ejjennoo Itiyoophiyaan laggeen ishee daangaa ce’an irratti qabdu fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuudha jedhan Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan.

Torbeen bishaaniifi inarjii Itiyoophiyaa mata duree “ Bishaaniifi inarjii qulqulluu guddina waaraaf” jedhuun Onkoloolessa 17, 2018 irraa eegalee Godambaa Saayinsiitti gaggeeffamaa ture har’a xumurama.

Torbee bishaaniifi inarjii kanarratti mariiwwan milkaa’inoota damee qabeenya bishaanii, dhimmoota fooyya’uu qabaniifi tarkaanfiiwwan gara fuula duraarratti xiyyeeffatan gaggeeffamaniiru.

Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan ergaa sagantaa guyyaa har’aa irratti dabarsaniin, ejjennoo Itiyoophiyaan laggeen ishee daangaa ce’an irratti qabdu fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuu ta’uu ibsan.

Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa biyyoota yaa’a gadiif yaaddoo balaa lolaa hambisuurra darbee faayidaalee hedduu fidee dhufuu eeran.

Kana malees carraa naannawaa dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu uumuu kan qabu ta’uus dubbatan.

Sochiileen laggeen keenya misoomsinee fayyadamuuf eegalle ejjennoo bishaan karaa haqa qabeessaafi haalaan fayyadamuuf qabnu ibsus jedhan.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.