Embaasiiwwanii fi dhaabbileen idil addunyaa ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabrsan
Finfinnee, Mudde 29, 2018 (FMC) – Embaasiiwwanii fi dhaabbileen idil addunyaa Itiyoophiyaatti argaman ayyaana qillee sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabrsaniiru.
Itiyoophiyaatti embaasiiwwan Ameerikaa fi Esiraa’el ayyaanni Qillee Ityoophiiyaanota hundaaf ayyaana nagaa fi gammachuu akka ta’u hawwii qaban dabarsaniiru.
Embaasiiwwan Hindii fi Kaanaadaas haaluma walfakkaatuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Embaasiin Ingiliz gama isaan ayyaanichi kan nagaa, gammachuu fi tokkummaa akka ta’u hawweera.
Itiyoophiyaatti embaasiiwwan Armeeniyaa, Awustiraaliyaa, Siwiizerlaandi, Paakistaan, Iraan, Jarmanii, Buruundii fi Jibuutii haaluma walfakkaatuun hordoftoota amnataa Kiristaanaaf ayyaana gaarii akka ta’u hawwii isaanii ibsaniiru.
Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinah Gabayyoo, Itiyoophiyaatti Biiroon Mootummoota Gamtoomanii, Dhaabbanni Godaansaa Idil Addunyaa fi Ejensiin Walta’iinsa Idil Addunyaa Jaappaan ayyaanni Qillee ayaana nagaa fi gammachuu akka ta’u hawwii gaarii dabarsaniiru.
#Oromia #Ethiopia