Ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad:-
Yaadni humna jijjiiramaati, hayyoonni ammoo bakka buutoota jijjiiramaati, jijjiiramni hayyoonni hawaasa keessatti uuman biyya gara Badhaadhinaatti ceesisa.
Kanaaf hayyoonni yaada kabajuu fi jaalaachuu, xinxaala gadi fagoo gaggeessuu, dubbiftoota, rakkooleef yaada furmaataa ta’uutu irra jiraata.
Guyyaa har’aa hundeeffama waggaa 75ffaa Yuunivarsiitii Finfinnee sababeeffachuun waltajjii marii Yuunivarsiitichi qopheesserratti barreeffama dhiyeesseera.
Waltajjichaan dhimmoota hundagaleessarratti hayyoota waliin marii bal’aa taasifneera.
Mootummaan Ida’amuu dhaabbileen barnootaa olaanoon imala badhaadhina biyyaa keessatti qooda olaanaa akka qaban ni amana, raawwii isaafis ni hojjeta.
Dhaabbileen kunneenis adeemsa baruu fi barsiisuu, akkasuma hojiilee qorannoo teeknooloojiin deeggarameen waldubbisaa gara kalaqaatti jijjiiruutu irraa eegama.
Kunis badhaadhina Itiyoophiyaa humna ida’ameen saffisiisuuf gahee olaanaa qaba.
#Oromia #Ethiopia