Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Ministira Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Bitootessa 24, 2018(FMC) – Bitootessa 24 guyyaa jijjiiramni itti dhugoome sababeeffachuun Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa dabarsaniiru.

Ergaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsan akka itti aanutti dhiyaateera:

Baatii Bitootessaa samii qulqulluun kan itti mul’ate fi bu’aan dadhabbiis itti sassaabamu kanaan, injifannoowwan keenya kanneen siyaasaa fi dinagdeen mul’atan mirkaneessinee jirra.

Bitootessi seenaa siyaasa keenyaa keessatti ji’a addaati. Ji’a ummanni dukkana keessaa gara ifa ce’umsaatti bahee fi boqonnaan haaraan itti banamee dha.

Bitootessa keessa dhibeewwan jijjiiramaa hedduun tumamanii, jijjiiramni haawaas-dinagdee haaraa labsameera.

Jijjiiramni Bitootessaa dhiibbaa fi qabsoo uummataan dhufe kun, dhabama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Itiyoophiyaa boodatti hambisan deebisanii suphuuf riifoormiiwwan dandeessisan kan itti tajaajilaman yoo ta’u; gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummata keenyaatiif deebiin itti kennamuu jalqabe, barii haaraa Itiyoophiyaa ta’eera.

Guddinni oomishaa fi oomishtummaa, turizimiin sissi’aawuun, fayyadamummaa qabeenya albuudaa, ijaarsi dinagdee dijitaalaa, misooma magaalaa fi milkaa’inni dippiloomaasii hundi jalqabni isaanii Bitootessa.

Ijaarsa dhaabbilee keessattis waggoottan saddeettan darban keessatti jijjiiramni dinqisiisaan galmeeffameera. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa guddittii waliin kan walsiman akka ta’an; humna namaa, teknoolojii, gurmaa’insaa fi naannoo hojii ammayyeessuun milkaa’inaan raawwatameera.

Bitootessi ji’a itti karoorri magaalota biyya keenya ammayyeessuu milkaa’e, milkaa’ina misooma kooriidarii gonfachuu itti dandeenye, akkasumas jijjiirama qilleensaa ittisuuf biqiltuun biliyoonaan lakkaawwaman dhaabbachuun dachee magariisa itti uumne, akkasumas ilaalchi haaraa siyaasaa, dimookiraasii fi seenaa biyya keenya keessatti itti labsamee dha.

Waggoota kumaatamaaf qonna keenya kan rooba irratti hundaa’e ture ammayyeessuun, jallisii gannaan waggaa guutuu oomishuu kan jalqabne ji’uma Bitootessaa kana keessa.

Itiyoophiyaan innisheetiivii qamadii jallisii gannaan qamadii biyya alaatii galu guutummaatti dhaabuun, amma Afriikaa keessaa biyya qamadii oomishtu jalqabaa taateetti.

Akka oomishni aannanii, lukkuu fi dammaa fi inisheetiiviin Badhaadhina Maadii Guutuu jalqabni isaa Bitootessa.

Isaan kunniin injifannoowwan waggoottan saddeettan darban keessatti Itiyoophiyaa rakkoolee walxaxoo keessaa baasuun gara boqonnaa guddinaa haaraatti ceesisan keessaa isaan muraasa.

Kanumaafis, fayyadamummaa olaanaa uummata keenyaatiif, kabaja biyya keenyaatii fi milkaa’ina badhaadhinaatiif cimnee ni hojjanna.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.