Ergamaan Addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof Mooskoo galan
Finfinnee, Adoolessa 30, 2017(FMC) – Ergamaan Addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof dhimma waraana Raashiyaa fi Yuukireen irratti mari’achuuf Mooskoo galan.
Ergamaan addaa kun Buufata Xiyyaaraa Vonkoovoo wayita ga’an Hojiraawwachiisaa Olaanaan Faandii Investimentii Kallattii Raashiyaa Kiriil Dimeetiriiviin simatamaniiru.
Wiitkoov yeroo turtii isaanii kanaan karaa waraanni Raashiyaa fi Yuukireen gara nagaatti ittiin dhufu irratti ni mar’atuun eegama.
Wiitkoov Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin wal arganii mari’achuu akka danda’an dubbi himaan Kireemiliin Diimeetirii Peeskoov eeraniiru.
Neetootti Ambaasaaddarri Ameerikaa Maatiwoos Wiitker daawwannaan ergamaa addaa kun waraana Raashiyaa fi Yuukireen dhaabsisuu danda’a jedhanii akka abdatan ibsaniiru.
Pirezidaanti Tiraampi Raashiyaa fi Yuukireen waliigalteerra akka ga’aniif dhiibbaa gochaa kan jiran yoo ta’u, maree biyyoonni kunniin marsaa sadiin Turki Istaanbulitti mar’atanii fi utuu hin milkaa’in hafe keessatti Pirezidaanti Tiraampi gahee guddaa ba’achaa akka turan RT’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.