Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Laamroot biifoota biyya keenyaa aartiin ibsaa jira- Obbo Admaasuu Daamxoo

Finfinnee, Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Korporeeshin obbo Admaasuu Daamxoon Faanaa Laamroot ogummaa aartii gaariin biifoota biyya keenyaa ibsaa jira jedhan.

Dorgommiin xumuraa mo’aa mo’attootaa Faanaa Laamroot marsaa 5ffaan guyyaa har’aa haala ho’aa ta’een gaggeeffamaa jira.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Korporeeshin obbo Admaasuu Daamxoon waltajjii dorgommii kanarratti akka jedhanitti, biyyi bu’aa hayyootaafi aartiiti.

Faanaa Laamroot yaa’a muuziqaa adda hin cinneen bakka bu’oota horachuuf kaleessa kabajuun fi yaada gadi fagoo har’arra taa’ee egeree ilaaluu kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Dorgommiin Faanaa Laamroot wayita eegalu yaadaa fi kaayyoo guddaaf ta’uus eeraniiru.

Guyyaan har’aa guyyaa itti torbanoota hedduuf dorgommii Faanaa Laamrootiin urjiiwwan kennaa addaa qaban itti dinqisiifachaa turre itti eebbisnudha jedhan.

Gahumsi imala Faanaa Laamrootis dandeettii aartii guutuu ta’een nama keessatti maatii, maatii keessatti biyya ijaaruu fi harka kalaqaan dabaalameen Itiyoophiyaa miidhagde labsuuf ta’uus ibsaniiru.

Faanaa Laamroot maatiin bakka tokkotti walitti qabamee bashannanaa kan daawwatuu fi abbaa seerummaan hirmaachaa beekumsa isaa kan qoodu sagantaa bashannanaa maatiitis jedhaniiru.

Kana malees waltajjii irraa baratamuufi egeree ijaaruuf itti wal beellaman ta’uus ibsaniiru.

Birhaanuu Abarraan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.