Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin fiilmotaa fi diraamaawwan Chaayinaa dabarsuu eegaluuf
Finfinnee, Bitootessa 1, 2018 (FMC)- Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin fiilmota dokumeentarii fi kaartuunii akkasumas diraamaawwan adda addaa dabarsuuf Giruuppii Miidiyaa Chaayinaa waliin waliigalteerra ga’eera.
Itiyoophiyaatti ergamaan addaa fi Ambaasaaddarri guutuun Chaayinaa Cheen Haay fiilmota kanneen Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinitti kennaniiru.
Ambaasaaddar Cheen Haay wayita kana akka jedhanitti, diraamaawwan kunniin tamsa uummata Chaayinaa fi Itiyoophiyaa cimsuu fi aadaa waljijjiiruuf gargaara.
Humni miidiyaa cimaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshin uummatee fi sadarkaan hariiroo dhaabbilee miidiyaa Chaayinaa waliin irra ga’een diraamaa fi dokimentariiwwan kanneen akka dabarsuuf filatamuu danda’uu isaa dubbatan.
Midiyaaleen aadaawwan, qaroomina, misoomaafi muuxannoo hojii biyyoota gidduutti qooduuf ga’ee guddaa akka qaban ibsanii, Faanaan hariiroo dippilomaasii hunda-galeessa biyyoota lamaanii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka gumaachu kan amanan ta’uu himan.
Hoji-raawwachisaa olaanaan Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin Obbo Adimaasuu Daamxoo gama isaaniin, Faanaan karaalee miidiyaa adda addaa qabuun Itiyoophiyaa labsuuf cimee hojjetaa akka jiru ibsaniru.
Fiilmota Chaayinaa dabarsuun isaa hariiroo Itiyoophiyaa fi Chaayinaa guddisuu bira darbee, dhaabbatichaaf deggersa tekinikaa fi tekinooloojii akkasumas ce’umsa beekumsaaf carraa akka uumu hubachiisaniiru.
Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin “BRICS plus” dabalatee miidiyaalee idil addunyaa hedduu waliin tumsaan hojjechaa akka jiru ni beekama.
Alamsaggad Asaayyeetu gabaase
#Oromia #Ethiopia