Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf garaagarummaan siyaasaa hin daangessu- Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2017 (FMC)- Hogganaan Paartii Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf garaagarummaan siyaasaa hin daangessu jedhan.

Paartichi mata duree “ Yaadaan ni dorgomna; waa’ee biyyaaf ni tumsina” jedhuun yaa’iisaa waliigalaa 2ffaa gaggeessaa jira.

Hoggantoonniifi hirmaattonni yaa’ichaas Kutaa Magaalaa Gullallee Paarkii Shaggar keessatti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabaniiru.

Piroofeesar Birhaanuun wayita kana, aadaan siyaasaa keenya fayyadamummaa lammiileerratti kan hundaa’e akka ta’uuf gara boqonnaa haaraatti ce’uu qaba jedhan.

Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf aadaa siyaasaa wal himannaarraa bilisa ta’e ijaaruun dhimma biyyaarratti tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasan.

Paartiin isaanii garaagarummaan siyaasaa osoo isa hin daangessiin paartii biyya bulchu waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu yaadachiisanii, dhaloonni dhufu biyya fooyyofte akka qabaatuuf Itiyoophiyaanonni faayidaa biyyaalessaafi Sagantaa Ashaaraa Magariisaarratti tumsaan hojjechaa akka qaban ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.