Fana: At a Speed of Life!

Fayyadamummaa ogeeyyii yaala fayyaa mirkaneesuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiru – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Fulbaana 20, 2018 (FMC) –  Fayyadamummaa ogeeyyii yaala fayyaa mirkaneessuuf tajaajila tajaajilamaa fi tajaajilaa giddugaleeffaterratti xiyyeeffatameera jedhe Ministeerri Fayyaa.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan gamoo manneen jireenyaa Koollejjiin Fayyaa Barkumee Hospitaalli Phaawuloos ogeeyyii yaala fayyaaf ijaarsisu jalqabiisaniiru.

Ijaarsa Gamoo abbaa darbii 16 lamaa fi abbaa darbii 12 tokko eegalchiiisaniiru.

Hospitaalichi Tajaajila si’aataa fi itti quufiinsa mirkaneessu kennamuu akka qabu hubachiisan.

Fayyadamummaa ogeeyyii yaala fayyaa mirkaneessuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jira jedhan Dooktar Maqdas.

Mootummaan tarsiimoo Tajaajila tajaajilamaa fi tajaajilaa giddugaleeffate hojiirra oolchuun gaaffilee sadarkaan jiran deebisuuf murannoon hojjetaa akka jiru eeran.

Keessattuu rakkoo mana jireenyaa hiikuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira jechuu isaanii TOI gabaasera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.