Fayyummaa beelladootaa mirkaneessuuf hojiin tarsiimoo dhibee dursanii ittisuurratti xiyyeeffate hojjetamaa jira – BQO
Finfinnee, Onkololeessa 20, 2018 (FMC) – Fayyummaa beelladootaa mirkaneessuuf hojiin tarsiimoo dhibee dursanii ittisuurratti xiyyeeffate hojjetamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa Oromiyaa.
Oromiyaatti tarsiimoo dhibee dursanii ittisuun hojii hojjetamaa jiruun yeroo ammaa talaalliin gosti ‘A fi B’n dhibeewwan akaakuu 16 ittisu kennamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayrekterri Eegumsa Fayyaa Beelladaa Dooktar Abdii Asaffaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Keessattuu waliingahiinsa keellaa fayyaa babal’isuu, ogeeyyii yaala fayyaa beelladaa guutuu, dhiyeessii galteewwanii fi hubannoo hawaasaa cimsuurratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu kaasaan Dooktar Abdiin.
Bara kana kurmaana 1ffaa keessa qofa beelladoota gosa garaagaraa miiliyoona 22.7 oliif talaalliin Dooziin miiliyoonni 30 ol kennamuu dubbatan.
Akkaataa haala qilleensaa fi Kalaandarii bu’uura godhateen sadarkaa hundatti hojiilee eegumsa fayyaa beelladaa mirkaneessuu hojjetamaa akka jiru ibsan.
Kanaanis ammatti dhaqqabummaan talaallii % 75 irra gahuu himan.
Dhibee lukkuu tibbana iddoolee tokko tokkotti mul’atee ture to’achuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu himan.
Dhibeewwan tasa mudatan saffisaan to’achuuf hawaasni gahee isaa sirnaan akka bahatu gaafatan Dooktar Abdiin.
Keessattuu Lukkuu dhibichaan qabame iddoo tokkoo iddoo birootti sochoosuu fi gabaaf dhiyeessuurraa akka of qusatan dhaaman.
Dhoohinsa dhibee tasaa mudachuu malu saffisaan to’achuuf hojiin hordoffii fi to’annoo qindoomina qabu hojjetamaa jira jedhan.
Bakka itti mul’atee osoo hin socho’in achumatti ukkaamsuun to’achuuf hojiileen qajeelfamaan deeggaraman hojjetamaa jiraachuu eeran.
Hojiin keellaa fayyaa beelladaa babal’isuu ammallee hanqina qabaachuu dubbatan.
Keellaan Fayyaa beelladaa hojiilee Eegumsa Fayyaa Beelladaarratti hojjetamuuf bu’uura waan ta’eef qaamni dhimmi ilaallatu dhimmichaaf xiyyeeffannoo akka kennu hubachiisaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.