Federeeshinichi FIFA’f komii dhiyeesse
Finfinnee, Qaammee 3, 2017 (FMC) – Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Addunyaa Itiyoophiyaan Ijipti waliin taphatteen walqabatee FIFA’f komii dhiyeesseera.
Federeeshinichi hanqina namuusaa mudate hordofee Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaatti Koree Namuusaaf komii isaa dhiyeesseera.
Dhimmoota lamarratti komii isaa kan dhiyeesse yoo ta’u, taphni osoo hin eegalin dura wayita faaruun biyyaalessa Itiyoophiyaa faarfatamu deeggartoonni Garee Biyyaalessaa Ijipti namuusa hin malle agarsiisan ilaalchisee komateera.
Akkasumas wayita Gareen Kubbaa Miilaa Ijipti Rukuttaa adabbii argate rukutu deeggartoonni kunneen Ija Karra Eegaa Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Abbubakar Nuuraarratti ibsaa wayita ibsan mul’achuu isaan Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa, Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaatti Koreen Namuusaa dhimmicha akka ilaalu gaafateera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.